Sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera
Amajji 13/2018(ENA) – Gabaa tasgabbeessuuf sirna daldalaa ammayyeessuu fi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee ibsani. Magaalaa Kombolchaatti Giddugalli Gabaa birrii miliyoona 120’n ijaarame eebbifameera.
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa doktar Kaasahuun Gofee akka ibsanitti, daldala adda adda faffaca’ee adeemsifamu walitti qabuuf sirna gabaa ammayyeessuun qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira.
Dabalataanis bakkeewwan gabaa misoomsuu,qabiyyee isaanii kabachiisuu akkasumas sadarkaa isaanii fooyyessuun haala mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalotatti gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa hundeeffamanii oomishaalee gatii madaalawaanii fi gatii gadi aanaan akka dhiyaataniif hojiin jalqabame jabaatee itti fufa jedhan.
Guyyaa har’aa giddugalli gabaa eebbifame kuni qaama kanaa ta’uu eeruun,hojiin kuni magaalota kanneen biroottis babal’achuu qaba jedhaniiru.
Sadarkaa itti aanaa hogganaa mootummaa naannoo Amaaraatti qindeessaan damee misooma magaalaa naannoo Amaaraa doktar Ahmaddiin Mahaammad akka jedhanitti, nageenya naannichatti buusuun cinatti piroojektoota nama irratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Keesumaa gabaa tasgabbeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuun akka danda’amuuf hojiin hojjetamaa jira.
Kanaan dura giddugalli gabaa oomishtootaa fi fayyadamtoota(shammattoota) kan wal quunnamsiisu bal’inaan waan hin jirreef sirni daldalichaa alseerummaaf kan saaxilame ture jedhani hogganaan Biiroo Daldalaa Naannoo Amaaraa doktar Ibraahim Mahaammad.
Rakkina kana furuufis naannoolee adda addaatti giddugalli gabaa ijaaramee gara hojiitti galamuu eeruun,yeroo dhiyootti gara hojiitti kan gale giddugalli gabaa Dassee bu’a qabeessa ta’ee itti fufuu himaniiru.
Bara kanas naannichi wiirtuuwwan daldalaa babal’isuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuuf birrii biiliyoona walakkaa ol ramaduu isaa ibsaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa obbo Mahaammad Amiin Yesuuf gamasaaniitiin oomisha industirii fi qonnaa giddugalichatti gatii madaalawaadhaan hawaasaaf ni dhiyaata jedhan.
Eebba kanarratti hoggantoonni daldalaa Federaalaa, naannolee fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.