Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluuf hojii hojetameen bu’aan abdachiisaan argameera

Amajjii 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi omishtummaa dabaluun gargaaramuu keessaa bahuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan argamuusaa Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Doktar Abdulaziiz Daawud ibsan.

Hogganaan waajjirichaa gamaggama raawwii hojii baatii ja’aa magaalaa Adaamaatti gaaggeeffamaa jirurratti gabaasa dhiheesaniin, Naannochatti Omishaa fi Omishtummaa dabaluu fi wabii nyaataa Mirkaneessuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Qonna Gannaa bara Kanaan lafa hektaara miiliyoona 11 tuqaa 8 sanyiin kan facaafame yoo ta’u, kana keessaa hektaarri miiliyoona 8 tuqaa 7 kilaastaraan misoomaa jiraachuu dubbataniiru.

Misoomichaan midhaan gurguddoon omishni fooya’aan argamuu eeruun tajaajila Makaanaayizeeshinii fi dhaqqabamummaan bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru.

Fakkeeenyaaf lafa Ganna misoome hektaara miiliyoona1 tuqaa 9 irraa kompaayineraan haamamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baatii Bonaa qabametti lafa hanga karoorfame misoomsuuf Motoroota Bishaan harkisan kuma16 fi 500 ol Qonnaan bulaaf dhihaachuu ibsaniiru.


 

Adeemsa hanga ammaa jiruun Lafa Hektaara Miiliyoona 3 ol Jallisii Boneen sanyiin facaafamuu ibsuun, fooya’insa sanyii Beelladaan Jabbileen kuma 794 tooftaa nam-tolcheen dhalachuusaanii hubachiisaniiru.

Hojiiwwan misoma Qonnaa Inisheetiviin qabamanii hojjetamaa jiran keessaa Qophiin biqiltuu Misooma Baala shayii, Misooma fuduraalee fi Bunaa haala gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Walii gala naannichatti hojiiwwan walakkaa waggaatti raawwataman omishtummaa dabaluuf galma qabame kan saffisiisanidha jedhaniiru.


 

Gama biroon lafa magaalaa fi baadiyaatti sirna kaadastara lafaa hojiira oolchuun bu’aan argamuusaa eeruun keessumaa Bulchiinsa qabeeenya lafaa fi sirna itti fayyadamaa Ammayyeessuurratti hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru.

Magaalota naanichaatti kenna tajaajila Ammayyeessuu fi Dijiitaala gochuuf dhaqqabamummaa Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojiirra ooluu, akkasumas caaseffamni bulchiinsi ganda baadiyaa cimaa jiraachuu ibsaniiru.

Qaala’insa Jireenyaa fi daballii gatiin omishaa hir’isuuf gabaa Sanbataa fi Dilbataa babal’isuurra darbee dhiheessii omishaa shammatootaa fi omishtoota waliin kallattiin wal-quunnamsiisuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015