Tamsaasa Kallatti:

Manni Marichaa Labsii Filannoo fooyyessuun filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumeera

Amajjii 13/2018(ENA) – Mnni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Labsii Filannoo fooyyessuun, filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumuu af-yaa’iin mana marichaa Taaggasaa Caafoo ibsan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo waliigalaa biyyaalessaa 7ffaaf galmeen filattotaa Guraandhala 7 hanga Eebila 7/2018tti akka gaggeeffamu, Caamsaa 24, 2018 immoo sagalee kennuun akka gaggeeffamu murteessuun isaa ni yaadatama.

Boordichi kana ilaacha keessa galchuun hojiilee galteewwan guutuu fi hubannoo uumuu akkasumas qophiiwwan filannoof barbaachisan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taagasaa Caafoo ENAtti akka himanitti,Boordiin Filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti filannoo fi murtee sagalee kan adeemsisu qaama bilisaa dhaabbata heera mootummaati jedhani.

Boordichi bu’uura heera mootummaatiin filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf qophii gahaa taasisuu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera.

Filannoon Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan haala haqa qabeessa, nagaa fi amansiisaa ta’een akka gaggeeffamuuf Manni Marichaa fooyya’iinsa seeraa barbaachisaa taasisuu isaa hubachiisaniiru.

Keessattuu labsii lakkoofsa 1162/2011 fooyyessuun galmeewwan kaadhimamtootaa fi filattootaa akkasumas hojiiwwan boordichaa kan biroo teeknooloojii dijitaalaan akka deeggaramu hojiiwwan dandeessisan hojjetamaniiru jedhan.

Dhaabbileen waldaalee siivilii filannicha taajjabuu fi filattootaaf hubannoo uumuu keessatti gahee murteessaa akka qaban ibsaniiru.

Mootummaan iftoominaa fi amanamummaa filannoo kana mirkaneessuuf, gaaffii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhiheesseen, qophii taasisaa jira jedhan.

Adeemsi Filannoo Walii galaa Biyyaalessaa 7ffaa walii galtee biyyaalessaatiin akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, filannoo kana milkeessuu keessatti paartileen hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015