Tamsaasa Kallatti:

Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf  ni deeggara

Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu  ibsame.

ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa  irratti  dubbiseera.  

Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa  odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa  maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha.

Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa  Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu  ittisuuf gargaara.

Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru  dubbataniiru.

   Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru.

Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa  Maamiltoonnii fi Baankonni  haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha.

Maamililli  lakkoofsa faayidaa  tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan  maamiltootasaanii akka  beekanii fi  hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu  dubbataniiru.

Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti  tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e  hojiirra oolaa  jiru saffisiisuuf  kan deeggarudha jedhaniiru.

  Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo  haala wal fakkaatuun   galmeessuun kenninsa tajaajilaa  saffisa fi ammayaa’aa ta’e  hojiirra kan oolchu ta’uu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015