Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaa kanaatti misoomni fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee ummataa guddisan galmaa’aniiru

Amajjii 13/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaa kanaatti misoomni fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee guddisan galmaa’uu isaanii pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ibsan.

Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii naannoo Oromiyaa ji'oota jahaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalameera.


 

Obbo Shimallis Abdiisaan wayita sana akka jedhanitti naannichatti hiyyummaa dhabamsiisuuf hojiileen misoomaa hawaasumma fi dinagdee hojjetamaniiru.

Hojiileen fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee mirkaneessan misoomni inisheetivii bocaman milkaa’inoonni isaanii sadarkaa fooyya’aa ta’uu dubbataniiru.

Keessattuu damee qonnaan hojiileen wabii nyaataa milkaneessuuf jalqabaman, misooma magaalaa akkasumas hojiileen biroo milkaa’inoonni olaanoo kan irraa argaman ta’uu ibsan.

Hojiileen milkaa’oon kunniin haa galmaa’aniyyuu malee ammallee hanqinni qulqullinaafi harcaatiin,malaanmaltummaa fi hojmaata badaa,kenniinsa tajaajilaa irratti hanqinoonni jiru jedhan.

Hoggansi naannichaas bu’aalee argamanitti gammaduun hojii ofii akka hin daganne eeruun, bu’aa fooyya’aaf fayyadamummaa lammiilee kan mirkaneessu hojjechuuf of qopheessuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Dabalataanis qaala’insa jireenyaa fi hojii dhabdummaa hir’isuuf cimanii hojjechuu akka qaban eeruun, uummanni hirmaannaa isaa guddisuu akka qabu,galii walitti qabuu,aadaa qusannaa guddisuu fi hojiileen biroos hojii gara fuula duraatti xiyyeeffannoon hojjetamani dha jedhaniiru.

Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniitiin, naannichatti nageenya buusuufi misooma saffisiisuun bu’aa fooyya’aan galmaa’uu ibsaniiru. Keessattuu, mootummaan komii uummataa bulchiinsa gaarii irratti ka’u furuuf karaa (Masoob) kenniinsa tajaajila giddugala iddoo tokkoon kenniinsa tajaajilaa dhaqqabamaa taasisuudhaan hojii fooyya’aan hojjetamuu dubbataniiru.


 

Haaluma kanaan kenniinsa tajaajila giddugala iddoo tokkoo sadarkaa naannootti magaalota shan irratti kan jalqabame gara magaalota 11tti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Waltajjicha irratti pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahaman, itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa dabalatee hoggantoonni sadarkaan jiran argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015