Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuu seenuun garee jalqabaa ta’eera - ENA Afaan Oromoo
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuu seenuun garee jalqabaa ta’eera
Amajjii13/2018(ENA)-Sagantaa tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa hawwiin eegamaa tureen Arsenaal Intar Miilaaniin 3 fi 1n injifate.
Tapha galgala Istaadiyeemii Saan Siirootti gaggeeffame kanarratti Gaabri'eel Jesuus goolii lama yoo galchu, jijjiiramee kan gale Viiktor Yookeerees ammoo goolii tokko galcheera.
Peetaar Suuchiich ammoo Intar Miilaaniif goolii tokko lakkoofsiseera.
Bu’aa kana hordofuun Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii 21 galmeessisuun garee mo’atanii darbuutti seene kan jalqabaa ta’eera.
Arsenaal tapha shaampiyoonsi Liigii bara Kanaan kilabii qofeessa taphoota hunda injifatedha.
Morkichaan yeroo sadaffaa kan mo’ame Intar Miilaan qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera.
Sagantaawwan biroon injifataan dorgommii yeroo 15ffaa Riyaal maadiriid Monaakoon dirreesaatti garaagarummaa galchii bal’aan 6 fi 1n injifateera.
Kiiliiyaan Mibaappee galchiiwwan lama yoo lakkoofsisu Firaankoo Maastantuunoo, Viniishiyeesjuuniyeer, Juudii Belingihaamii fi Tiiloon Monaakoo Kehiraar ammo galchiiwwan hafan biroo ofirratti lakkoofsiseera .
Jordaan Teezee Monaakoof galchii tokkicha lakkaoofsiseera.
Bu’aa kana hordofuun Riyaal maadriid qabxii 15n sadarkaa 3ffaa Monaakoon qabxii 9n sadrkaa 20ffaa qabateera.
Ispoortingi Liizbeen abbaan waancaa warqii PSGn osoo hin eegiin 2 fi 1n injifateera.
Luwiis Suwaareez ispootingi Liizbeen galchiiwwan lamaan yoo lakkoofsisu kiviichaa kivartiskeeliyaa PSGtiif galchii tokkicha lakkoofsiseera.
Tootenihaam Hotispersiin, Boruusiyaa Doortimundi 2 fi 0n yoo injifatu, Kiristiyaan Roomeeroo fi Doominiik Soolankeen galchii Injifannoo lakkoofsisaniiru.
Borusiyaa Doortimundi Daani’eel Siveenseen daqiiqaa 24ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera.
Koppen Hagenii fi Naappooliin tokko qixaan adda bahaniiru.
Jordaan laarsen koppen hageniif, sikoot maaktomiinaay Naappooliif galchii lakkoofsisaniiru.
Taphataan kopenhagen ToomaasDelanii daqiiqaa 35ffaatti kaardii diimaan dirree keessa baheera.
Olompiyaakoos Baayeer Leverkuseniin2 fi 0n yoo injifatu , Ajaaksi Viiyaariyaaliin 2 fi fi 1n injifateera.