Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan.
Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera.
Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru.
Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru.
Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru.
Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru.
Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru.
Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.