Manneen barnootaa naannichaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Manneen barnootaa naannichaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifameera
Amajjii 12/2018 (ENA) - Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifamuu itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Birmadummaa nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee mootummaa naannoo Oromiyaatiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiran keessaa lafti qotamuu danda’u akka bajjii hin baane baay’inaa fi bal’inaan midhaaniin misoomsuudha.
Hojiilee hammattoo Kanaan hojjetaman keessaa maneen barnootaa lafa mooraa isaanii keessa jiru misoomsuun sagantaa soorata maneen barnootaatiin akka of danda’an godhamaa jira.
Itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii akka dubbatanitti, jijjiiramaan booda naannichatti damee dinagdee, barnootaa fi teeknooloojiin hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira.
Keessumaa gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ceesisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uusaanii ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa dhaloota barnootaa fi teeknooloojiin gabbisuuf kallattii xiyyeeffanoo godhatee hojjechaa jiraachuu eeranii, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf galii maneen barnootaa fooyyessuu fi sagantaa nyaata barattootaa cimsuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Dabalataanis galteewwan laaboraatoorii fi laayibrarii guutuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa manneen barnootaaf dhiheessuun barumsa dijitaalaa cimsuurratti xiyyeeffatameera jedhan.
Galiin mootummaa, ummataa fi tola ooltotarraa argamu qofaasaa qulqullina barnootaaf wantoota barbaachisan guutuu fi dhaloota teeknooloojii fayyadamu uumuuf gahaa miti jechuun ibsan obbo Awwaluun.
Manneen barnootaa naannichatti argaman lafa bal’aa qabaatanis sirnaan hojiirraa akka hin oolle eeranii, lafa bal’aa qaban misoomsanii akka of danda’an godhamaa jiraachuu eeraniiru.
Barana Manneen barnootaa hedduu keessatti hojiin kun kan eegalame yoo ta’u manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Somboo godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimbibiititti argamu hojii Kanaaf fakkeenta ta’uu dubbataniiru.
Manni barumsichaa lafa qabu keessaa karaa Buusaa Gonofaa naannichaa heektaara 12 tuqaa 5 irra Qamadii misoomsuun oomisha kuntaala 600 ta’u walitti qabuu ibsaniiru.
Dabalataanis manni barumsichaa inisheetiivii mootummaatiin gargaaramuun lukkuu fi saawwan aannanii horsiisaa, sangaa furdisaa jira jedhaniiru.
Haala kanaan galteewwan nyaata barattootaaf barbaachisan ofiisaatiin guuttachuun sadarkaa of danda’uurra gahuusaa eeranii, bara dhufurraa eegalee muuxannoon mana barumsaa kun maneen barnootaa godinichaa hundatti akka babal’atu godhama jedhaniiru.
Itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni godina Shawaa Kaabaa hojii misoomaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Somboo aanaa Qimbibiititti argamu daawwataniiru.