Waancaa Afriikaa Kan mo’atte Senegaal sadarkaa biyyoota addunyaa fiifaadhaan baatii baatiin bahuun sadarkaashee gara 12tti guddifatte - ENA Afaan Oromoo
Waancaa Afriikaa Kan mo’atte Senegaal sadarkaa biyyoota addunyaa fiifaadhaan baatii baatiin bahuun sadarkaashee gara 12tti guddifatte
Amajjii 12/2018(ENA) -Waldaan kubbaa miilaa idil addunyaa( FIFA)n sadarkaa biyyoota addunyaa kan baatii baatiin bahu ifoomseera.
Haala Kanaan waancaa Afriikaa 35ffaa kan mo’atte Senegaal sadarkaawwan toorba fooyyessuun sadarkaa irra turte 19ffaa irraa gara 12tti guddatteetti.
Tapha xumuraa kan mo’amte Morookoon 11ffaarraa gara 8ffaatti guddatteetti.
Sadaffaa kan baate Naayijeeriyaan sadarkaa 12 fooyyessuun sadarkaa 26ffaa qabatteetti.
Aljeeriiyaan 28ffaa, Gibxi 31ffaa, Kotidivaar 37ffaa, Kameroon 45ffaa, Tuniziyaan 47ffaa, Maaliin 54ffaa, Afriikaan Kibbaa 60ffaa fi Burkiinaa Faassoon sadarkaa 62ffaa qabataniiru.
Itiyoophiyaan Baatii Muddee bakka irra turte sadarkaa 147ffaa irra jirti.
Ispeen, Arjentiinaa, Faransaayi, Ingilizii fi Biraazil tokkoffaa amma shanaffaa qabataniiru.
Poorchugaal fi Nezerlaandi jahaffaa fi torbaffaa yoo qabatan Saan Maariinoo sadarkaa dhumaa 210ffaa qabatteetti.
Ulaagaan Fiifaan sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa ittiin madaalu cimina garee, murteessummaan taphni gaggeeffamu qabaatu, qabxii taphichaa fi qabxiin taphaan dura eegamu dha.