Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara. - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara.
Amajji 12/2018(ENA) – Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran mari’achuun furuuf waan gargaaruuf milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahachaa jiraachuu Abbootiin Gadaa ibsani.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiaa rakkoolee bu’uuraa fi adda addummaa yaadaa furuuf marii hunda hirmaachisaa gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojjecha jira.
Dhimma kana irratti Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa magaalaa Amboo ENA’n dubbise bakka bu’aa kutaa hawaasaa kan ta’an Abbaa Gadaa Laggasaa Dhaabaa Marii Biyyoolessaa kan deeggaran ta’uu eeruun, sirna Gadaa keessattis Mariin iddoo olaanaa qabachuu ibsaniiru.
Adeemsa Marii Biyyoolessaa adeemsifamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachaa akka jiran hubachuu isaanii dubbataniiru.
Adeemsa marii magaalota Finfinnee fi Adaamaa keessatti hawaasa magaalaa bakka bu’uun hirmaachuu isaanii ibsuun waltajjiiwwan irratti yaada tokkummaa biyyaaf bu’aa ta’e dhiyeessuu isaanii himaniiru.
Marii biyyoolessaa kanarratti hawaasaaf hubannoo uumaa akka turan eeruun,marichi akka milkaa’uuf hojii isaanii cimsanii akka hojjetan ibsaniiru.
Abbaa Gadaa Taarikuu Turaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee furuu irra darbee egeree Itiyoophiyaa biyya mijattuu taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Mariin biyyoolessaa akka biyyaatti adeemsifamu akka milkaa’uuf hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru.
Mariin biyyoolessaa biyya fooyyofte ijaaruuf gahee olaanaa waan qabuuf gahee keenya bahachuu qabna kan jedhan immoo Maanguddoo Biyyaa Baqqalaa Baay’ataa dha.
Mariin biyyaalessaa kun nageenyi waaraan akka bu’uuf akkasumas milkaa’ina piroojektoota biyyoolessaa jalqabamaniif haala mijataa waan uumuuf deggersi nuti milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif taasifnu itti fufa jedhaniiru.