Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse
Amajjii 12/2018(TOI)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 52ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera.
Murtoowwan manni mariachi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera-
Murtoo walgahii mana maree ministirootaa idilee 52ffaa
Amajjii 12 bara 2018
Finfinnee
Manni maree ministirootaa walgahii idilee 52ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse.
- Manni Marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii Gumurukii fooyyessuuf dhihaaterratti mari’ate. Labsiin Gumurukii hojiirra jiru waggoota hedduuf kan tajaajile waan ta’eef, tumaalee labsichaa sadarkaa guddinaa hojiin daldalaa idil addunyaa irra gahe waliin wal simsiisuuf, misooma industirii oomishaa biyya keenya keessatti guddachaa dhufe deeggaruuf, akkasumas daldalaa fi invastimantii seera qabeessa jajjabeessuun akka danda’amu labsiin fooyyessaa kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaa labsii fooyya’ee dhihaate kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.
- Manni marichaa itti fufuun wixinee danbii onnachiiftuu taaksii fi qaraxaa Invastimantiif kennamu irratti mari’ateera. Dameelee invastimantii guddina dinagdee biyya keenyaaf gumaacha olaanaa qabanii fi dursi kan kennamuuf, akkasumas kaappitaala olaanaa gaafatamaniif kaappitaala hojiirra oolu tilmaama keessa kan galchuu fi sirna onnachiiftuu Invastimantii raawwiirratti hundaa’e diriirsuun waan barbaachiseef wixineen dambii kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dambicharratti bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun dambiin kun gaazexaa magalataa federaalaarratti guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
- Xumurarrattis manni marichaa wixinee imaammataa misooma dhaweessummaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hojiileen damee dhaweessummaan hojjetaman fulla’insa qabaatanii milkaa’ina galmoota misooma biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan, aadaa kalaqaa gabbisuu fi sona dabaluuf dirree dhaweessummaa mijataa ijaaruu akka danda’amu qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas imaammaticharratti mari’atee galtee dabaluun imaammatichi guyyaa mana maree ministirootaan ragga’e Amajjii 12 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.