Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti.
Amajji 12/2018(ENA) –Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan guddina teeknooloojii ammayyaa fayyadamuudhaan, dippilomaasii dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun, biyyattii beeksisuuf fi dantaa biyyaalessaa ishee eeguuf hojjechaa akka jirtu ibseera.
Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippiloomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee ENA waliin turti taasisaniin, dippiloomaasiin dijitaalaa meeshaa murteessaa tarsiimoodhaan faayidaa biyyoolessaa biyya tokkoo eeguuf itti fayyadamaa jiramu ta’uu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 akka biyyaatti dippiloomaasii dijitaalaaf haala mijataa ta’e uumuus yaadachiisaniiru.
Daarektarri kun itti dabaluudhaan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef damichaaf carraa guddaa fidee akka dhufus himaniiru.
Itiyoophiyaan Afrikaaf wiirtuu humannoo namtolchee ta’uuf tattaaffii taasiftu keessatti haala gaariin kan deeggaru ta’u eeraniiru.
Gara fuula duraatti hubannoo namtolcheedhaan tajaajilamtoonni gara qonsiilaatti qaamaan deemuun osoo isaan hin barbaachisiin bilbila isaaniin tajaajila argachuun kan isaan dandeessisu hojiin hojjetamaa jira jedhani.
Ijaarsi wiirtuu daataa wayita daawwannaa ministira muummee Hindii Naareendiraa Moodii labsame dippiloomaasii dijitaalaa daran akka cimsu himaniiru.
Itiyoophiyaan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu keessatti ejjennoo tarsiimoo qabdu ta’uu eeruun, biyyattiin baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti tarsiimoo ta’uun ishee fi Galaana Diimaatti dhihoo ta’uun ishee, michuu dippilomaasii ijoo ishee taasisa jedhaniiru.
Hojiiwwan dippiloomaasii turizimiin karaa dippiloomaasii dijitaalaa gaggeeffamaa jira jedhan. Kanaafis, qabeenya uumamaa fi kennaawwan tarsiimawoo akkasumas kaka’umsa Ministira Muummeetiin kan ijaaraman bakkeewwan hawwata turizimii filmaatawwan dijitaalaan addunyaatti beeksisamuu akka fakkeenyaatti ibsaniiru.
Jaarraan 21ffaa yeroo dorgommii odeeffannoo to’annoo olaantummaa seeneffamaa ta’uu isaas hubachiisaniiru.
Ministirichi teeknooloojii yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramu kana keessatti dorgomaa ta’uuf odeeffannoo xiinxaluu fi tilmaamuun dandaa biyyoolessaa eegsisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhani.