Misoomni Koriideraa Harar Ayyaana Kataraa fi Cuuphaaf Miidhagina dabalataa ta’eera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Koriideraa Harar Ayyaana Kataraa fi Cuuphaaf Miidhagina dabalataa ta’eera
Amajjii12/2018(ENA)-Misoomni koriideraa Magaalaa Hararitti hojjetame Ayyaana Kataraa fi Cuuphaaf miidhagina dabalataa kennuu hirmaattonni Ayyaanichaa ibsan.
Hirtaan Ayyaanichaa Buruk Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, Misoomni Koriideraa hojjetaman Miidhagina dabalataa Ayyaanichaaf kenneera.
Misoomni Koriideraa bal’aan hojjetaman Amantootaf Boqonnaa,Ayyaanichaaf miidhagina kennuusaanii kan ibsan immo obbo Habtaamuu Tashoomaati.
Dabalataanis Agareenash Gadilu gamasaaniin, Daandiin Misooma Koriideraan hojjetame dhiphina daandii ammaandura ture hanbisuurra darbee Ayyaanichaaf miidhagina addaa kennuusaa dubbataniiru.
Ayyaanicha miidhaginaan kabajuusaanii kan ibsan Kumalaa Aganyoo Takiluu, qajeelummaa Hawaasichi waloomaaf qabu kan argisiisuu ta’uu ibsuun , duudhaa wal deeggaruusaa cimsuuf waloon hojjechuu qabna jedhaniiru.
Mootummaan naannichaa Misooma Koriideraaf,Miidhagina Ayyaanichaa fi nageenyaaf gumaacha taassisaniif galateeffataniiru.
Ayyaanichi qabiyyee Amantaa fi Aadaasaa haala eeggateen ho’ee kabajamuusaa ibsaniiru.