Tapha Shaampiyoonsi liigichaan Intarmiilaan Arsenaal waliin taasisu hawwiin eegama - ENA Afaan Oromoo
Tapha Shaampiyoonsi liigichaan Intarmiilaan Arsenaal waliin taasisu hawwiin eegama
Amajjii 12/2018(ENA)- Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 7ffaan har’aa fi booru gaggeeffamu.
Taphni har’a galgala sa’aatii shanirratti Istaadiyeemii Saan siirootti kilaba Intar Miilaanii fi Arsenaal gidduutti taassifamu Xiyyeeffannoo daawwattootaa hawateera.
Intar Miilaan taphoota jaha hanga ammaatti taasiseen qabxii 12n sadarkaa 6ffaarratti argama.
Morkataansaa Arsenaal gamasaan qabxii 18n sadarkaa 1ffaarratti argama.
Kanaanis shaampiyoonsi liigii bara Kanaan taphoota hunda kilabii qofeessa injifatedha.
Kilaboonni lameen shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yoo waliin taphatan kun kan 4ffaa yoo ta’u, ammaan dura taphoota 3 gaggeessaniin Arsenaala yeroo 2 yoo injifatu Intarmiilaan yeroo tokko injifateera.
Gareewwan kun yeroo dhumaaf waltajjii Awurooppaarratti kan walitti dhufan A.L.A bara 2024/25n kan ture yoo ta’u, yeroo sana Intar miilaan haakan chalaanoglu galchii rukkuttaa adabbiin lakkoofsiseen 1 fi 0n injifateera.
Intar Miilaan dursaa garee seerii’aa fi Arsenaal dursaa garee piriimar liigii Inglizi .
Kilabiin xaaliyaanii yeroo sadii waancaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa yoo injifatu, faallaasaan Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii injifatee hin beeku.
Kilaboonni lameen taphichaan morkii cimaa gaggeessu jedhameetu eegama.
Sagantaawwan biroon Ispoortingi Liizban injifataa dorgommii wayita sanaa PSG, Riyaal Maadriid Monakoo waliin, Tootinihaam Hotispersi Boruusiyaa Dortimundi waliin, Koppenhagen Naapoolii waliin, Viyaariyaal Ayaaksii waliin, akkasumas Olompiyaakos Baayer Leverkusen waliin yeroo wal fakkaatu sa’aatii shanitti ni taphatu.
Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Bodogiliimti Maanchistar Siitii fi Kayraat Almaatii Kilab Biruuzyi waliin taphatu.