Tamsaasa Kallatti:

Sirni kabaja ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa Qaba –Daawwattoota(Turistoota)  Biyya Alaa

Amajji 11/2018 (ENA)Sirni kabaja ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa qabaachuu Arbaamincitti sirna kabaja ayyaanichaa irratti daawwattoonni biyya alaa argaman himani.

Magaalaan Arbaminci, kan Paarkii Biyyoolessaa Nacci saarii, Haroo Abbayyaa fi Caamoo, Burqaawwan 40, Bakka horsiisa Naachotaa(Raanchi), aartii aadaa uffata dhawuu fi manneen Godoo fi hawwata turizimii biroo qabdu, waggaa guutuu daawwattoota hedduumminaan simatti.

Daawwattoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan Magaalaa Arbaamincitti ayyaana Cuuphaa jiraattota waliin kabajaa jiru.

Daawwattoonni biyya alaa ENAtti akka himanitti, sirni ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa kan qabu ta’uu dubbatani.

Ayyaana Cuuphaa lammiilee Itiyoophiyaa waliin kabajuun keenya gammachuu addaa fi yaadannoo hin dagatamne nuuf uumeera jedhani.


 

Dawwataan Poolandi irraa dhufan Jaak Toorbiliiz akka himanitti ayyaana Cuuphaa irratti argamee kabajuu koof gammachuu guddaatu natti jedhahama jedhani.

Ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa sirni amantaa isaa adda ta’ee fi ayyaanichi biyya kamiyyuu kan hin jirre ayyaana ajaa’ibaati jechuun ibsani.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana Hambaa Kiliyaa addunyaa(UNESCO) ta’e kuni, sirni isaa osoo hin jijjiiramiin eegamee dhalootaaf darbuu akka qabu dhaamani.

Itiyoophiyaan lafa nagaati kan jedhan daawwataan kuni, biyyattiin damee hundaan guddina ariifataa irra akka jirtus arguu ibsaniiru.


 

Biyyoota addunyaa dhibba tokkoo ol daawwachuu kan himan daawwattuun gara biraa Fiinlaandi irraa dhufan Iivaa Pooloojaarbii gama isaaniin, ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa ayyaana addaa fi ajaa’ibaa ta’uu dubbatani.

Lammiileen hunduu uffata adiin miidhaganii tokkummaan faarfannaa fi galateeffannaadhaan sirni duudhaa amantaalee gaggeessan baay’ee kan nama gammachiisu dha jedhani.

Ogeessa ogbarruu ta’uu isaanii kan himan daawwattuun kuni waa’ee hambaalaalee  Itiyoophiyaa fi aadaa ishee bifa kitaabaan qopheessuun akka beeksisan dubbataniiru.


 

Daawwataan gara biraa Meeksikoorraa dhufan Kaarloos Goomiikloogaa gama isaaniin, ayyaana Cuuphaa fi bakkeewwan hawwata turizimii ta’an daawwachuuf gara Itiyoophiyaa akka dhufan himaniiru.

Ayyaana adda ta’e kana kabajuu isaaniitti gammaduu eeruun,lammiilee Itiyoophiyaa simannaa keessummaa, ulfinaa fi jaalala naaf agarsiisanitti hedduu gammadeera jedhani.

Gara biyya kootti gaafan deebi’u, hiriyyoonni koo hambaalee Itiyoophiyaa, bakkeewwan hawwata turizimii fi ayyaanota akka daawwatan ittan hima jedhaniiru.

Hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e, ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa guutuu biyyattii keessatti haala ho’aan duudhaalee amantaa fi aadaan kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015