Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa ergaa Hawwii Gaarii Ayyaana Cuuphaaf qaban dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa ergaa Hawwii Gaarii Ayyaana Cuuphaaf qaban dabarsan
Amajji11/2018(ENA)-Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa Teessoosaanii Finfinnee godhatan Ayyaana Cuuphaaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru .
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Ruusiyaa Ayyaanni Cuuphaa kan kabajan hundaaf ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.
Ayyaanichi kan Nagaa , Fayyaa, Gammachuu fi Badhaadhina hundaaf fidee kan dhufu akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.
Ameerikaatti Imbaasiin Itiyoophiyaa fi hordoftoota Amantichaa guutuu Addunyaatti argamaniif Ayyaanichi kan gammachuu isaaniif haata’u jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Israa’el Horoftoota Amantaa Ortoodooksii guutuu Itiyoophiyaa hundaaf baga ayyaana Cuuphaan nagaan isin gahe,Ayyaanichi kan nagaa,Jaalalaa isiniif haata’u jechuun ergaa hawwii gaarii qabu dabarseera.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Yuunaayitid Kingideem Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi jaalalaa akka ta’uuf hawweera.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Armeeniyaa Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi eebbaa akka ta’uuf kan hawwan yoo ta’u, Imbasiin Kanaadaa gamasaan Ayaanichi kan gammachuu, kan nagaa fi badhaadhinaa isiniif haata’u jechuun dhaameera.
DabalataanisImbaasiiwwanJarman,Neezerlaandi, Fiinlaandi,Paakistaanii fi kaneen biroon Ayyaana Cuuphaaf ergaa Hawwii gaarii qaban ibsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Waajjirri Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti argamu Ayyaanni cuuphaa kan nagaa fi gammachuu akka ta’uuf hawwii gaarii qabu ibseera.
Ayyaanni Cuuphaa A.L.A bara 2019 Dhaabbata Barnootaa,Saayinsii, fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)tiin Hambaa Aadaa ta’ee galmaa’uun ni yaadatama.