Tamsaasa Kallatti:

Duudhaaleen Aamntaa, seenaa fi Aadaa walitti hidhaminsa sab-daneessummaa  kan cimsanidha – Ministir Shawwiit Shaankaa 

Amajji11/2018(ENA)-  kan cimsuu fi olka’insi Itiyoophiyaa kan itti mul’atu ta’uusaanii  Ministirri Aadaa fi Ispoortii  Shawwiit Shaankaa ibsan.

 Ayyaana Cuuphaa Jaanmeedaatti ho’ee kabajamaa jirurratti  Barreessaa olaanaan qulqulluu Sinoodoosii Qulqulluu Abuune Diyoosqoroos,Mana Amantaa  Ortoodooksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa qulqulloota liqaane Phaaphaasota, Kantiibaa Magaala Finfinnee Adaanacha Abeebee, Ministira Adaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa,Ambaasaadderoota biyyoota adda addaa, Hordoftoota Amantichaa hedduun, fi Tuuristoonni biyyoota Alaa argamaniiru.


 

Ayyaanicharratti  kan argaman Ministirri Adaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa,

Duudhaaleen Aadaa,Amantaa fi seenaa Itiyoophiyaa walitti hidhaminsa sab-daneessumaa kan cimsuu fi  mul’istuu Olka’insa Itiyoophiyaa   ta’uusaanii dubbataniiru.

  Eenyummaan hedduummina Itiyoophiyaa mallattoo tokummaa sab-daneessummaa ibsituuwwan duudhaa Amantaa fi Aadaan Miidhagdedha jedhaniiru.   

Miidhagina tokkummaa sab-daneessumaa Itiyoophiyaa ibsituuwwan  tokkummaa keenyaati kan jedhan Ministir Shawiit,dhimmootni birmadummaa biyyaa qoran yeroo mudatan hawaasichi tokkummaana akka dhaabbatu  kan taassisan duudhaalee kana ta’uusaani  dubbataniiru.


 

Ayyaanni Cuuphaa biyyarra darbee Hambaa  Addunyaa waan ta’eef  sadarkaa Idil- Addunyaatti  yaada  daawwattoota hedduu  hawwachuusaa ibsaniiru.

Manni Amantaa Ortoodooksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa Ayyaanichi qabiyyee amantaa fi  Aadaa  eegee akka turuuf  gumaacha olaanaa taasisani galateeffataniiru.

Ayyaanicha yeroo kabajnu  nagaa fi badhaadhina biyyichaaf   waloon hojjechuuf yerootti waadaa gallu ta’uu Ministirri kun  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015