Magaalli Finfinnee Miidhagduu fi qulqulluu ta’uun ishee ayyaanota uummataa adda baabahiitti kabajamanii fi turistootaaf haala mijataa uumeera- Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Magaalli Finfinnee Miidhagduu fi qulqulluu ta’uun ishee ayyaanota uummataa adda baabahiitti kabajamanii fi turistootaaf haala mijataa uumeera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Amajji 11/2018(ENA) - Magaalli Finfinnee Miidhagduu fi qulqulluu ta’uun ishee ayyaanota uummataa aadaa fi amantaa adda baabahiitti kabajamanii haala mijataa uumuun yeroodhaa gara yerootti baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Sirna cuuphaa magaalaa Finfinnee Jaanmeedaatti kabajamaa jiru irratti kan argaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee , yeroo ayyaana cuuphaa aadaan Itiyoophiyaa haalaan miidhagee mul’ata jedhan.
Ayyaanni Cuuphaa lammaffaa dhalachuu fi agarsiiftuu haaromuu ta’uus dubbataniiru.
Ayyaanicha yeroo kabajnus tokkummaan,waloomaanii fi waliif yaaduun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Magaalittiin qulqullooftee mul’achuun ishee hawwata turistootaa dabaluuf gahee qabaachuu eeruun, dhaabbilee amantaa waliin qindoominaan hojjechuu danda’uun hojiilee misoomaa kanneen akka milkaa’aniif humna guddaa ta’uu himaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa erga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)tti galmaa’ee as ijji addunyaa akka Itiyoophiyaa ilaalu taasisuun, waggaa waggaan yaa’insi turistootaa dabalaa akka jiru ibsaniiru.
Sirna kabaja ayyaana kana irratti Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii, Qulqulluu Abune Diyoosqoroos, Phaaphaasonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawit Shankaa, ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi kanneen biroon argamaniiru.