Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti guddina seenaa fi babal’ina barumsa mana kiristaanaa keessatti gaheen Gondar guddaadha – Qulqulluu Abbaa Saawiroos

Amajji 11/2018(ENA) – Ka’umsa seenaa Itiyoophiyaa fi babal’ina barumsa mana kiristaanaa keessatti gaheen Gondar guddaa ta’uu Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa walii-galaa Abbaa Saawiroos Angafa Phaaphaasii biyyoota lallaba Godiina Shawaa Kibba Lixaa fi Magaalaa Shaggar ibsani.


 

Ayyaanni cuuphaa magaalaa seena qabeettii Gondar Faasilidasitti haala duudhaasaa eeggateen sirnoota ho’aan kabajamaa jira.

Saganticha irratti Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Walii-galaa Abbaa Saawiroos Angafa Phaaphaasii biyyoota lallaba Godiina Shawaa Kibba Lixaa fi Magaalaa Shaggar argamuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni Cuuphaa ayyaana haaromuuti jedhani.

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos laga Yordaanos dhaqee Yohaannisiin cuuphamuun isaa gadi of qabuu fi kabaja isaa kan agarsiise, xalayaan du’aa kan ittiin tarsaafame waan ta’eef ayyaana haaromsaati jedhani.


 

Du’aa fi ka’umsa Gooftaa keenyaa waliin kan itti kabajamu Gondar, magaalaa mootota gurguddoo biyya wal harkaa fuudhinsa ce’umsaa seena qabeessa keessatti ijaaramte ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu Gondar ogummaa biyyaa ta’uu ishee bataskaanonni seena qabeessa fi hambaaleen jiran ragaa ta’uu dubbataniiru.

Guddina seenaa Itiyoophiyaa fi babal’ina barumsa bataskaanaa keessatti gaheen Gondar olaanaa ta’uu eeruun, hambaalee seenaa fi amantaa tiksuun dhaloota egereef dabarsuu akka qabamu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan guddina eegalte akka fiixaan baastuuf hayyoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Sirna kana irratti pireezdaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee, Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar, itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa fi pireezdaantiin Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa argamaniiru. Dabalataanis Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Ministirri Mu’aaza Xibabaati Diyaaqon Daani'eel Kibrat, Ministira Indaastirii Malaakuu Allebal fi hoggantoonni olaanoo Federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Kana malees, miseensonni hawaasa dippilomaasii idil-addunyaa fi daawwattoonni biyya alaa hedduun irratti hirmaachaa jiru. Mooraa Fasiliidasitti ayyaanni Cuuphaa sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015