Ayyaanni Cuuphaa ayyaana eebbaa waan ta’eef, ayyaanicha yeroo kabajnu namoota rakkatan gargaaruunii fi kan dhukkubsate gaafachuun ta’uu qaba - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Cuuphaa ayyaana eebbaa waan ta’eef, ayyaanicha yeroo kabajnu namoota rakkatan gargaaruunii fi kan dhukkubsate gaafachuun ta’uu qaba
Amajji 11/2018(ENA) - Ayyaanni Cuuphaa ayyaana eebbaa waan ta’eef, ayyaanicha yeroo kabajnu namoota rakkatan gargaaruunii fi kan dhukkubsate gaafachuun ta’uu qaba jedhan Qulqulluu Abune Gorgooriyoos.
Ayyaanni Cuuphaa Magaalaa Adaamaa Adda Baabahii Masaqalaatti kan argamu hara iddoo Cuuphaatti haala ho’aan kabajameera.
Qulqullummaa isaanii Abuunee Giriigooriyoos Angafa Phaaphaasii Mana Lubummaa Shawaa Bahaa fi miseensa Sinoodosii Qulqulluu Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ergaa wayita sana dabarsaniin ayyaanicha yeroo kabajnu wal deeggaruunii fi waliif yaaduun ta’uu akka qabu himani.
Ayyaanni Cuuphaa ayyaana eebbaa,bilisummaa fi kan dhiifamaa ta’uu eeruun, duudhaa kana fakkeenya fudhannee bataskaanni hojii gaarii labsiti jedhani.
Kanaafuu ayyaanicha yeroo kabajnu namoota rakkatan gargaaruu, kan beela’an nyaachisuunii fi kan dhukkubsatan gaafachuun ta’uu qaba jedhaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa ayyaana amantumaa isaa irra darbee ibsituu duudhaas waan qabuuf amantoonni duudhaa haala eeggateen akka kabajaniif hubachiisaniiru.