Tamsaasa Kallatti:

Ayyaan  Cuuphaa Jaalalaan,Garalaafummaa fi  qajeelummaan  kabajuu qabna

Amajji 11/2018(ENA)- Ayyaan Cuuphaa Jaalalaan, Garalaafummaa fi  qajeelummaan  kabajuu qabna jechuun  Mana Amantaa ortoodooksi tawaahidoo  Itiyoophiyaatti  Hojii Gaggeessaa Olaanaan Kutaa Lallabaa Harargee Bahaa  Malake Gannat  Luba Nigaatuun  dubbataniiru.


 

Ayyaanni Cuphaa sirna ho’aan Hararitti kabajamaa jira.

Bakka cuupha Magaalichatti argamutti amantootaaf ergaa kan dabarsanii fi  barnoota kan kennan   hojii gaggeessaa olaanaan kutaa Lallabaa Harargee Bahaa  Malake Gannat Luba Nigaatuun akka dubbatanitti Ayyaanni cuuphaa Ayyaana Eebbaati jedhaniiru.


 

“Amantoonni Ayyaanicha jaalalaa fi Garalaafummaan  haala walooma  dagaagsuun  kabajuu qabna jedhaniiru. ”

Keessumaa dhiifamaa fi Araara  dursuun, harka qal’eeyii fi manguddoota deeggaruunii fi kunuunsuun   akka  kabajan  ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015