Dhugaa jaallachuu Itiyoophiyaanotaa,Obsa,Hubannaa fi gootummaan fageessanii yaaduun cimsuun itti fufsiisuu qabna - ENA Afaan Oromoo
Dhugaa jaallachuu Itiyoophiyaanotaa,Obsa,Hubannaa fi gootummaan fageessanii yaaduun cimsuun itti fufsiisuu qabna
Amajji 11/2018(ENA)- Dhugaa jaallachuu Itiyoophiyaanotaa, Obsa,Hubannaa fi Amalli gootummaan fageessanii yaaduun cimsuun itti fufsiisuu akka qabna jedhuun Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsaqa Sillaasee ibsan.
Sirni Cuuphaa bakka seenaa qabeettii Gondoritti haala duudhaasaa eeggateen sirna ho’aan kabajama jira.
Sirna kabajaa sanarratti Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsaqa Sillaasee ergaa dabarsaniin sirna Amantaa Afuuraa Gondor itti miidhagdu keessaa Ayyaanni cuuphaa isa duraati jechuun ibsaniiru.
Ashaaraan ogummaa Gondor kanargamuu fi seenaa qabatamu ta’uu ibsaniiru.
Uummanni Gondor akkuma Itiyoophiyaanota biroo ilmaan namaaf kabajaa fi jaalala gudda kan qabu akka ta’e dubbataniiru.
Ibsituu Itiyoophiyummaa tasgabbii fi hubannaadha kan jedhan pirezidanti Taayyeen , daandiin ogummaa kana hordofuu qabna jedhaniiru.
Imalli Itiyoophiyaa saffisaan kan deemani waliin ta’uu akka qabu xiyyaffnnoon ibsaniiru.
Keessumaa haaala Idil-Addunyaa keessatti Itiyoophiyaa fageessanii ilaaluu fi miira tasgabbiin hubachuu akka qaban dubbataniiru.
Daandii tokkorratti jijiiramootanarge kan raajeffatamudha kan jedhan Pirezidaantiin kun yaada dhalootaa fi Hoggansi yeroo walii galu seenaa hojjechuun akka danda’amu Gondar agarsiistuudha jedhaniiru.
Ministirri mummee Doktar Abiyyi Ahimad fi lammata dhalachuun Gondor qaamolee hojiisaanii fudhatan hundaaf Pirezidaantichi galateeffataniiru.
Ijoolleen ciccimoon jiraannaan utaaluun darbuun akka danda’amu Gondoritti qabatamaan argamuu ibsuun, Itiyoophiyaa yaadni kenya itti kabajamee jiraatu cimsuu qabna jedhaniiru.
Dullumni Mana Amantaa Dabirebirihaan Sillaasee Gondor, haaromsuun gara seenaasaa duraatti deebi’uuf tumsaan hojjechuu akka qabnu dhaamsa dhabarsaniiru.
Sirna kabajaasanarratti Pirezidantii FDRI Taayyee Atsiqesillaasee, Afayaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar,Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa fi Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa argamaniiru.
Akkasums hojii gaggeessaan waliigalaa paartiraarikii Mana Amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Qulqulluu Abuune Saariyoos, Gorsaa dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee Ministira Mu’aaze Xibebaat Daaqon Daani’eel Kibirat, Ministira Industirii Malaakuu Allebal, Hoggantoota Olaanoo Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.
Dabalataanis Miseensonni Hawaasa dippiloomaatikii Addunyaa fi daawwattoonni biyyoota Alaa hedduun bakka argamanitti bakka cuuphaa Faasiladasitti sirnoota Amantaa adda addaan ho’ee kabajamaa jira.