Itiyoophiyaan biyya hawwata turizimii ajaa'ibaa qabdu ta’uu ishee argineerra - Turistoota Ameerikaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan biyya hawwata turizimii ajaa'ibaa qabdu ta’uu ishee argineerra - Turistoota Ameerikaa
Amajji 11/2018(ENA) – Itiyoophiyaan biyya hawwata turizimii kan nama dinqisiisu qabdu ta’uu ishee argineerra jechuun ibsani turistoonni Ameerikaa magaalaa Jinkaatti ayyaana cuuphaa kabajamaa jiru irratti argaman.
Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Jinkaatti haala duudhaa amantaa fi aadaa eeggateen bifa ho’aan kabajamaa jira.
Magaalaa Jinkaatti ayyaana kabajamaa jiru irratti kan argaman turistoonni Ameerikaa irraa dhufan Itiyoophiyaatti waan daawwataa jiran kan hin dagatamnee fi hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Kanaanis yeroo hin irraanfatamne dabarsaa jiraachuu himaniiru.
Turistiin Ameerikaa Liyis Moziinaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaan biyya miidhagduu qabeenya uumamaan badhaate ta’uu eeruun,kanan eegeen ol argeera jedhani. Itiyoophiyaa daawwachuun koo kuni isa jalqabaati kan jedhani turistiin kuni, daawwannaa Itiyoophiyaa isaanii kanaan ayyaana Qillee fi ayyaana Cuuphaa kabajamu irratti hirmaachuu eeruun, daawwannaa isaanii kanaanis hedduu akka gammadan dubbatani.
Itiyoophiyaa daawwachhuun koo kuni yeroo jalqabaaf miti kan jedhan daawwataan gara biraa Dooyuug Keeroon Itiyoophiyaan yeroo hunda biyya na’ajaa’ibsiiftu dha jedhani. Haalli teessuma lafa ishee, hambaaleen siidaa ishee akkasumas ayyaanonni akka Cuuphaa kunniin daawwatamanii kan quufaman miti jedhani.
Turistiin biroo ayyaanicha irratti argaman Kiristii Kaarli Itiyoophiyaatti yeroo hin dagatamne dabarsaan jira jechuun ibsaniiru.
Sagantaaleen amantaa fi aadaa yeroo ayyaanni Cuuphaa gaggeeffaman hedduu hawwataa fi xiyyeeffannaa daawwattootaa kan hawwatan ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa Jinkaatti itti gaafatamaan kutaa wangeelaa bataskaana Qulqulleettii Sillaaseetti luba Abrahaam Mootbaaynoor akka jedhanitti, ayyaanni Cuuphaa ayyaana kiliyaa hambaa aadaa addunyaa waan ta’eef, magaalaa Jinkaatti haala duudhaa amantaa, seenaa fi aadaa isaa eeguun kabajamaa jira.
Ayyaana kanarratti turistoonni biyya alaa hirmaataa akka jiran eeruun, ayyaanichi duudhaa fi aadaa gaarii biyyattiin qabdu daawwattootaaf beeksisuudhaan kabajamaa akka jiru himaniiru.