Saadiyoo Maaneen taphataa Urjii Waancaa Afrikaa ta’uun filatame. - ENA Afaan Oromoo
Saadiyoo Maaneen taphataa Urjii Waancaa Afrikaa ta’uun filatame.
Amajji 11/2018(ENA)- Saadiyoo Maaneen taphataa Urjii Waancaa Afrikaa 35ffaa ta’uun filatameera.Taphataan Senegaal Saadiyoo Maaneen Taphataa Cimaa Waancaa Afriikaa 2025 jedhamuun badhaafame.
Waancaan Afrikaa 35ffaa kan Morookoon qopheessite galgala kana xumurameera.
Senegaal biyya qopheessituu waancaa sanaa Morookoodhaan 1 fi 0 dhaan injifatteetti.Taphataan Senegaal taphataa urjii jedhamee yoo badhaafamu, taphataan Morookoo Biraahiim Diyaaz galchii shan lakkoofsisuun taphataa galchii olaanaa lakkoofsise jedhamuun xumureera.
Karra eegaan Morookoo Yaasiin Boonoo urjii karra eegaa taphichaa ta’uun filatameera.
Gareen biyyoolessaa Morookoo namuusa gaarii taphaatiin badhaasa argataniiru.
Sirna badhaasa kanarratti Pireezidaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) doktar Paatiriis Mooteseeppee, Pireezidaantiin Federeeshinii Waldaalee Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa (FIFA) Jiyaanii Infaatiinoo fi Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Morookoo Faawuuzii Lekjaa argamaniiru.
Morookoon Waancaa Afrikaa itti aanu kan keessummeessu Keeniyaa, Ugaandaa fi Taanzaaniyaaf dabarsitee kenniteetti.
Biyyoonni sadan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2027tti waancaa Afrikaa 36ffaa waliin ta’uun ni keessummeessa.
Waancaa Afrikaa 35ffaa irratti taphoota 52 taphatameen galchii 121 lakkaa’amuun seenaa dorgommichaa keessatti galchiiwwan lakkoofsa ol’aanaa ta’uu ibsameera.