Tamsaasa Kallatti:

Senegaal Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa taate

Amajjii 11/2018 (ENA) – Tapha xumuraa kaleessa taphatameen Senegaal Moorookoo mo’achuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa taateetti.

Tapha Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorookoon gaggeeffamaa tureen Seeneegaal galchii 1 fi 0'n abbaa qa'ee Injifachuun Shaampiyoonaa taate.

Kanaan Senegaal yeroo 2ffaaf Waancaa Afrikaa injifachuu isheeti.

Qopheessituun Waltajjichaa Morookoon peenaalitii walfalmisiisaa daqiiqaa xumuraatti argatte Biraahim Diyaaz osoo hin fayyadamin hafe.

Gama Senegaaliin Paappee Guyeen yeroon taphaa daqiiqaa 90 idileen dhumee daqiiqaa 30 dabalame keessaa, daqiiqaa 94ffaa irratti galchii lakkoofsiseera.

Senegaal bara 2021 yeroo jalqabaaf kan mo’atte yoo ta'u, waggaa 4 keessatti yeroo 2ffaaf milkeessiteetti.

Senegaal bara 2019, 2021 fi bara kana xumuraaf gahuun Waancaa Afriikaa 4 keessaa yeroo sadiif xumuraaf dhaqqabdee yeroo lama injifatte.

Saadiyoo Maaneen biyyasaa waliin Waancaa Afrikaa lama injifachuun seenaa barreesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015