Magaalaa seenaa qabeetti Godoritti Ayyaanni Cuupaa dammaqinaan Kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa seenaa qabeetti Godoritti Ayyaanni Cuupaa dammaqinaan Kabajamaa jira
Amajji 11/2018(ENA)- Magaalaa seenaa qabeetti Gondoritti Ayyaanni Cuuphaa Dammaqinaan kabajamaa jira.
Ayyaanni cuuphaa ganamaa eegalee Luboonni Mana Amantichaa, Daaqonoonnii fi liqaawuntoonni faaruu fi qiddaasee dhiheessuun sirnaa fi duudhaasaa eegee gaggeeffamuu eegalee jira.
Sirna kabajaasanarratti Pirezidanti Taayyee Atsiqasillaasee, Afayaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar,Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa fi Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa argamaniiru.
Akkasums hojii gaggeessaan waliigalaa paartiraarikii Mana Amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Qulqulluu Abuune Saariyoos, Gorsaa dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee Ministira Mu’aaze Xibebaat Daaqon Daani’eel Kibirat, Ministira Industirii Malaakuu Allebal, Hoggantoota Olaanoo Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.
Dabalataanis Miseensonni Hawaasa dippiloomaatikii Addunyaa fi daawwattoonni biyyoota Alaa hedduun bakka argamanitti bakka cuuphaa Faasiladasitti sirnoota Amantaa adda addaan dammaqinaan kabajamaa jira.