Ayyaanni Cuuphaa Jaanmeedaatti haala ho'aan kabajamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Cuuphaa Jaanmeedaatti haala ho'aan kabajamaa jira.
Amajji 11/2018(ENA)- Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Finfinnee Jaanmeedaatti bakka hordoftoonni amtichaa hedduun argamanitti haala ho'aan kabajamaa jira.
Iyyasuus Kiristoos Falage Yordaanositti kan cuuphame hordofee hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti kan kabajamu ayyaanni Cuuphaa bifa duudhaa amantaasaa eeggateen Jaanmeedaatti kabajamuu eegaleera.
Ayyaanichi Finfinneetti Jaanmeedaatti,Gondaritti,Laalibalaatti,Gaambeellaatti,Baatuuttii fi akkasumas naannoolee adda addaatti kabajamaa jira.
Guyyaa kaleessaa ayyaanni Kataraa guutuu biyyattiitti kan kabajame yoo ta'u,guyyaa har'aas ayyaanni Cuuphaa naannoo itti cuuphamanitti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.