Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalichaa hojiiwwan Jireenya lammiilee fooyyessan hojjechuu cimse itti fufa- Kantiibaa Adaanach  Abeebee

 

Amajji 10/2018(ENA)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiiwwan namarratti xiyyeefatan hojjetu  cimsee akka itti fufu kantiibaan  Adaanach Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanach Abeebee Kutaa magaalaa Lidaataa Aanaa 8 naannoo Makkanniisaa Aabbootti Haadholii hojii gabaa gullitiirratti bobba’anii turani  manneen daldalaa ammayaa’aa ijaaramee  dabarsanii kennaniiru.


 

Kantiibaa Adaanach Wayita sana ergaa dabarsaniin, haadholiin kun  Ammaan dura Aduun, biyyeen, fi bokkaan  miidhamaa  hojiisaanii haala rakkisaa keessa  hojjechaa dabarsanii maatiisaanii  gaggeefachaa akka turan ibsaniiru.


 

Hojiin misooma koriideraa hojjetamuun dura  bakki gulliitii ture  jijiiramuun  bakki daldalaa ammayyaa’aan  hojjetamuu  eeruun, hojiin misoomaa magaalichatti hojjetamu  magaalitti miidhagsuurra darbee   bakka hojii lammiilee mijataa fi ammayaa’aa  taassisuusaa ibsaniiru.

  Hojiiwwan misooomaa magaalichatti raawwataman kamiyyuu,  namarratti kan xiyyeeffatanii fi jireenya lammiilee kan jijjiiran ta’uu  dubbataniiru.


 

Haadholiin har’a bakka hojii  fudhatan   omisha gabaaf dhiheessan   haala salphaana akka argataniif  gidduugala gabaa laaftoo waliin   walitti hidhaminsi gabaa akka isaaniif uumameefii  beeksisaniiru.

Haadholiin haala  mijataan akka daldalanii fi   hawaasni naannichaa  omisha isaanirraa bituun akka isaan jajjabeessan waamicha dhiheessaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015