Sirni Awwaalchaa Artisti Natsaannat Warqinaa raawwatame - ENA Afaan Oromoo
Sirni Awwaalchaa Artisti Natsaannat Warqinaa raawwatame
Amajji 10/2018(ENA)- Sirni Awwaalcha Artisti Natsaannat Warqinaa Kaatediraala Qiddiste sillaasee Membere Tsebaa’otiitti raawwatameera.
Sirna Awwaalchasnarratti Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Nabiyyuu Baayyee, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Kadir Juhaar, Maatiiwwan Artisitichaa, waahillan hojiisaa fi firoottansaa akkasumas dinqisiifattooonni artistichaa argamaniiru.
Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Nabiyyuu Baayyee Sirnicharratti haasaa taassiaaniin, Artisti Natsaannat Warqinaa hojiisaa gahumsa ogumma fi beekumsa guddaan hojjechaa akka turan ibsaniiru.
Artistichi Naamusa ogummaa fi qulqullina ogummaaf xiyyeeffannoo guddaa kan kennan nama Aartii akka turan dubbataniiru.
Itti dabaluunis hojii Artisti Natsaannat Warqinaarratti qorannoon gaggeeffamee dhaloota dhufuuf akka darbuu fi akka barnootaatti akka tajaajilu akka taassifamu dubbataniiru.
Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Kadir Juhaar, gamasaaniin Artisti Natsaannat ogummaasaaniin uummataa fi biyya kan tajaajilan ogeessa guddaa akka turan dubbataniiru.
Maatiisaaf,Dinqisiifattootaasaa, Waahillan hojiisaa fi uummataaf jajjabina hawwaniiru.
TaatooFiilmii fi Tiyaatiraan, Dhiheessii sagantaa TVn akkasumsa hojii Aartii biroon bekamaa kan turan Artisti Natsaannat Warqinaa Amajjii 8 bara 2018 tasa du’aan Addunyaa kanarraa darbuunsaanii ni yaadatama.