Tamsaasa Kallatti:

Yaadamni Ida’amuu mootummaa, damee dhuunfaa, uumamaa fi guduunfaa kaleessaa ifa boruutiif bakka tokkotti walitti fida-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii 10/2018 (ENA)- Yaadamni Ida’amuu mootummaa, damee dhuunfaa, uumamaa fi guduunfaa kaleessaa ifa boruutiif bakka tokkotti walitti fida jedhan Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Yaadamni Ida’amuu mootummaa, damee dhuunfaa, uumamaa fi guduunfaa kaleessaa ifa boruutiif bakka tokkotti walitti fida jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin.

Haala Kanaan pirojektii maaddii dhalootaaf har’a ganama eebbifne kana ifatti argineerra jedhaniiru.

Hojiin kun meeshaalee ijaarsaa naannawatti argamaniin fi dandeettii naannawichaatiin kan hojjetame waan ta’eef fulla’insaa fi abbummaa agarsiisa jechuun ibsaniiru.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan qabeenyota aadaa, uumamaa fi seenaatiin badhaatuu waan taateef humnaa fi cimina har’a qabnu  dhaloota dhufaniif karaa ooluun qabeenyashee fuulleetti baasuuf hojii hojjennu itti fufuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015