Hojii sagantaa Maaddii dhalootaa bakka gahumsaa jalqabaa kan ta’e Ekkooloojiin Danbii eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Hojii sagantaa Maaddii dhalootaa bakka gahumsaa jalqabaa kan ta’e Ekkooloojiin Danbii eebbifame
Amajji 10/2018(ENA)- Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hojii Maaddii dhalootaa gahumsa jalqabaa hojii Maaddii dhalootaa bakka gahumsa jalqabaa kan ta’ee fi lafa bosonaa fi qabeenya uumamaa heektaara 36.7 irratti kan ijaarame Ikoo Loojii Danbii ifatti eebbisaniiru.
Ikkooloojichi damee Turiizimii biyya keenyaa waggoottan torban darban hambaa qabeenyaa, fulla’aa fi baraabaratti darbu carraa kalaqaan deeggaramee sadarkaa Idil- Addunyaa eeggate akka jijiirame kan mul’isu ta’uu Waajjirri Ministirira Muummee ibseera.
Hojiin Maaddii dhalootaa kun bakkeewwan gahumsaa sadarkaa Idil -Addunyaa eeggate misoomsuun qabeenya dilbii biyya keenyaa baasuuf qaama tarsiimoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa bal’aa ti jedhaniiru.
Hojiin Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad eegalamee Milkaa’inaan hojiira oole sagantaan Gabataa shaggarii fi Maaddii biyyaa kan itti fufee yoo ta’u Miidhagina uumamaa, Hambaa Aadaa fi muuxannoo fulla’aa qindeessuun hojjetamuu ibsaniiru.
Hojiiwwan Kanaan bakkeewwan gahumsaa uumamaa fi magaalaa gara wiiirtuu Tuurizimii hawwataatti kan jijiiran ta’uusaanii odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasummaa Waajjira Ministira Muummeerraa argame mul’isa.