Dursaan Liigichaa Arsenaalii fi Notingihaam Fooresti qixaan adda bahan - ENA Afaan Oromoo
Dursaan Liigichaa Arsenaalii fi Notingihaam Fooresti qixaan adda bahan
Amajji 10/2018(ENA)- Tapha Piriimar liigii Ingliz sagantaa torban 22ffaan Nootingihaam Foorestii fi Arsenaal gaggeessaniin galchii malee qixaan xumuranii adda bahaniiru.
Tapha galgala Isataadiyeemii Siitii Giraawunditti gaggeeffameen caalmaa fudhatee taphachaa kan ture Arsenaal carraa galchii argate osoo itti hin fayyadamiin hafuunsaa qabxii 3 isa dhabsiiseera.
Carraa galchii tapha walakkaa jalqabaatti Martiineeliin hin milkaa’iin hafe kan eeramudha.
Morkataansaa Nootingihaam Fooresti gara duubaatti deebi’uun ittisuu fi tooftaa deebanii taphachuu qabatee seenuun galchii osoo hin keessummeessiin hafeera.
Bu’aa qabxii hordofuun dursaan liigichaa Arsenaala qabxiisaa gara 50 ol guddiseera.
Arsenaal qabxii galmeesserratti hundaa’uun garaagarummaa qabxii hordofasaa Maanchistar Siitii waliin qabu gara torbaatti ol guddiseera.
Arsenaal tapahoota liigii lamaan darbanitti injifachuu dadhabee galchii hin lakkoofsisne.
Nootingihaam foresti Liigichatti qabxii 22n sadarkaa 17ffaa qabateera