Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun daandiin konkolaataaf cufaman ifooman

Amajjii 9/2018(ENA)- Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun daandii konkolaataaf cufaman qajeelchi walii galaa poolisii Finfinnee ifoomseera.

Finfinnee keessumaa Jaan meedaa, Aqaaqii Qaallittii Xurunash Beejiingi, Lammii kuraa Arraabsaa Safaraa akkasumas Nifaas silki Laaftii Addababayii Haacaaluu Hundeessaa bakkeewwan Taabonni bahutti taabonni hedduun waan bahanii fi hirmaattonni hedduun waan dhufaniif muddamni tiraafikaa akka hin uumamne-

  • Faransaayi Lagaasiyoonirraa gara kiiloo 6 (Riqicha embaasii Faransaayi irratti)
  • Addababayii Qabbanaa’aarraa gara Hospitaala Minilikitti (Addababayii Qabbanaa’aa irratti)
  • Riqicha Embaasii Jarmanirraa gara Hospitaala Minilik(Riqicha Embaasii Jarman irratti)
  • Mandara Kooriyaarraa gara Minilik (Mandara Kooriyaa irratti)
  • Ginfilleerraa gara mana barumsaa Saanfoord (Riqicha Ginfillee irratti)
  • Qiddista Maaramirraa gara Jaan Meedaa(Qiddista Maaram irratti )
  • Ministeera Maallaqaarraa gara total kiiloo 6 (Ministeera maallaqaa irratti)
  • Addababayii Kiiloo 6 irraa gara Faransaayi lagaasiyoon(Addababayii kiiloo 6 irratti)
  • Mana leenjii Qaallittiirraa Xurunash Beejiingi
  • Yuuniisaarraa karaa  Alam Baank Xurunash Beejiingi
  • Addababayii Koyyeerraa karaa Waaliyaa Xurunash Beejiingi
  • Lammii Kuraa Arraabsaa naannawa Safaraa
  • Nifaas Silki Laaftoo naannawa addababayii Haacaaluu Amajjii 10 bara 2018 irraa eegalee guyyaa keessaa sa’aatii 5:30 irraa eegalee amma ayyaanichi xumuramutti daandiin kan cufamu ta’uun ibsameera.

Konkolaachiftoonni bkkeewwan taabonni keessa darban daandiin cufaa ta’uu beekanii karaa biraa akka deeman qajeelchi walii galaa poolisii Finfinnee hubachiiseera.

Wantoonni nageenyaaf shakkisiisan yoomudatan karaa bilbila tolaa 990, 991, 987, 816 akkasumas lakkoofsa bilbilaa 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumas appilikeeshinii moobaayilii hirmaannaa lammiilee fayyadamuun eeruun akka barbaachisu waamicha dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015