Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera-Af-ya’ii Taaggasaa Caafoo

Amajjii 9/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera jechuun ibsan Af-ya’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa garaagarummaawwan yaadaa fi wal dhabdee bu’ura  kan biyyattii keessatti mul’atu furuufbifa hammataa ta’een marii taasisuuf lakkoofsa labsii  1265/2014’n mana maree bakka bu’oota ummataatiin kan hundaa’e dhaabbata of danda’edha.

Komishinichi garaagarummaa yaadaa fi wal dhabdee biyyaalessaa bu’uraa mariiwwan hammataa fi ummataa gaggeessuudhaan walii galtee biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira.

Haala Kanaan komishinichi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo irratti hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuun hojjechuun gara boqonnaa xumuraa gahuunsaa ni beekama.

Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ENA’f akka ibsanitti, komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marii Itiyoophiyaanonni hundi irratti hirmaatan raawwachaa jira.

Komishinichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti akkasumas biyya alaattillee ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adeemsa marii isa muummeerratti hirmaatan adda baasuudhaan hojii milkaa’aa hojjechaa jira jedhaniiru.

Waldaaleen waldaaleen hawaasaa, waldaaleen siviikii, barsiiftonni dhaabbilee barnoota olaanoo kutaaleen hawaasaa biroon adeemsa marii kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.

Haala Kanaan Lammiileen Itiyoophiyaa yaada biyyasaaniif ni mala jedhan kan walitti fidan adeemsa marii addaa fi milkaa’aan raawwatamuusaa dubbataniiru.

Adeemsa boqonnaa marii guduunfaa hojiirra oolchuu fi gaggeessuuf tooftaan dandeessisu bocamuu ibsanii, hojiin hafu akkaataa milkaa’ina ittiin eegaleen akka xumuramu hundi qoodasaa akka bahu waamicha dabarsaniiru.

Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota seenaa, seera, hojmaataa fi kkf waliin wal qabatanii ka’an mariidhaan furmaata kan argatan ta’uu ibsuun, kanaaf ammo mariin biyyaalessaa carraa murteessaadha jedhaniiru.

Naannoo Tigraayi ilaalchisuun gaaffileen marii biyyaalessaan deebi’uu qaban gurmaa’insoota garagaraatiin dhihaachuusaanii ibsaniiru.

Bu’aan marii biyyaalessaarraa argamu murtee ummataa ta’uusaa kan ibsan af-yaa’iin kun, mootummaan bu’aa kana hojiirra oolchuuf qophii ta’uusaa dubbataniiru.

Gaaffilee ummanni marii Kanaan kaasu kabajaa fi deebii barbaachisu kennuun hundarraa kan eegamu ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015