Tamsaasa Kallatti:

Misoomni koriidaraa baadiyaa akka babal’atuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Amajjii 9/2018(ENA)- Misoomni koriidaraa baadiyaa akka babal’atuuf hunduu gahee isa irraa eegamu bahachuu qaba jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.


 

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad guyyaa har'aa bakka Moodeela Koriidara baadiyaa Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Gurrafardaatti Waajjira Ministira Muummee fi dhaabbilee itti wamamtootaan kan ijaarame daawwataniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabrsaniin,Koriidarri baadiyaa jireenya qonnan bultootaa fi horsiisee bultootaa jiijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan bahatu hojii biyyaati jedhaniiru.

Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Gurrafardaatti Waajjira Ministira Muummee fi dhaabbilee itti waamamtootaan kan hojjetame bakka Moodeela  koriidara baadiyaa daawwachuu isaanii ibsaniiru.


 

Hojiin Moodeelaa kuni tokkoon tokkoo isaanii saaloonii,mana ciisichaa,kutaa beeyladootaa fi mana qulqullinaa (mana fincaanii) alaa kan qaban manneen ammayyaa kudhan kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Manneen kunneen sarara ibsaa waliin kan walqabsiifamanii fi diishii saatalaayitii kan qaban ta’uu eeruun,dabalataan mooraan kun bakka horsiisa lukkuu, dallaa beeyladootaa, gaagurawwan kanniisaa fi akkasumas iddoowwan biqiltuu kuduraa fi muduraadhaan guutaman akka qabu hubachiisaniiru.


 

Anniisaa aduu,baawoo gaazii fi hojiiwwan misomaa biroo fayyadamuun qindoominan kan hojjetame misoomni koriidaraa baadiyaa laammiileen jireenya ammayyaa,fayyaalessa,qulqulluu fi fooyya’aa ta’e akka jiraataniif carraa cimaa akka ta’u himaniiru.

Hojiin jijjiiramaa kun damee hunda keessatti akka babal’atuuf hunduu gahee isaa bahuu akka qabu Ministirri Muummee waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015