Kalaqni teeknooloojii inistiitiyuutichaa hanqina humna namaa dameewwan yaalaa murteessoo ta’an guutuu keessatti gahee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Kalaqni teeknooloojii inistiitiyuutichaa hanqina humna namaa dameewwan yaalaa murteessoo ta’an guutuu keessatti gahee olaanaa qaba
Amajjii 9/2018(ENA) - Kalaqni teeknooloojii Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa (AI) hanqina humna namaa dameewwan yaalaa murteessoo ta’an guutuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata Biig Wiin Filaantirooppii (Big Win Philanthropy) doktar Kassetebirhaan Admaasuu.
Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata Biig Wiin Filaantirooppii (Big Win Philanthropy) doktar Kassetabirhaan Admaasuu Itiyoophiyaatti Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee daawwataniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa kun daawwannaa isaanii kanaan kalaqa teeknooloojii fi hojiiwwan qabatamaa inistiitiyuuticha keessatti hojjetamaa jiran kan ajaa’ibsiifataman ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa damee fayyaa keessatti hojiilee teekinooloojii tajaajila qabatamaaf oolan itti fayyadamuuf hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Ogeessonni fayyaa fi ogeessonni hubannoo namtolchee (AI) haala qindoominaan waliin hojjechuu carraan jiraachuu isaatti gammachuu guddaa akka isaaniif uume ibsaniiru.
Kunis dameewwan yaalaa biyyattii keessatti hanqina humna namaa mudachaa jiran keessatti qaawwa jiru guutuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Teeknooloojii hubannoo namtolchee (AI) irratti carraan walta’iinsa idil-addunyaa bal’aan akka jiru Dr. Kassetebirhaan eeraniiru.
Miseensa Boordii ta’uun keessa kan tajaajilaa jiran dhaabbanni idil addunyaa Seeppii jedhamu vaayirasoota weerara dhibee fiduu danda’an dursanii adda baasuun guyyoota 100 keessatti talaalliiwwan oomishuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Dhaabbatichi Afrikaa keessatti giddugalawwan waliin hojjechuu danda’an barbaadaa akka jiru eeruun, daawwannaan isaanii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa fi Seeppii gidduutti hariiroo hojii cimaa uumuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Kunis dhaabbileen qorannoo fayyaa Itiyoophiyaa, mootoroota Seeppiin qopheessu, motoroota AI (AI Engines) bal’inaan akka itti fayyadamaniif karaa akka banu ibsaniiru.