Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha

Amajjii 9/2018(ENA)-Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan hojii gaggeessan olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota addababayii bataskaanni Ortodoksii Itiyoophiyaa dammaqinaan kabajju keessaa tokkodha.

Ejensiin bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee bakka ayyaanni kataraa fi cuuphaan itti kabajamu Jaanmeedaa hordoftootaa fi hirmaattotaaf mijataa fi qulqulluu gochuuf sagantaa qulqullinaa gaggeesseera.

Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaa olaanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa dabalatee abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, ogeeyyonni Aartii fi jiraattonni saganticharratti argamaniiru.

Wayituma kana, ayyaanni kun qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaalee aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan Injiinar Wandimmuu Seettaa.

Ayyaanni kun kan Itiyoophiyaanotaa qofa osoo hin taane Hambaa Yuuneeskootti galmaa’e waan ta’eef ayyaanichi dammaqinaan akka kabajamu itti gaafatama olaanaa qabna jedhaniiru.

Yeroo bulchiinsi magaalichaa magaalaa Finfinnee misooma Kooriidarii fi misooma birootiin miidhagduu fi qulqulluu taasisetti kabajamuunsaa ayyaana Kataraa fi cuuphaa baranaa adda akka isa godhu eeraniiru.

Ayyaanichi yeroo hojiileen misoomaa hedduun milkaa’anitti kan kabajamu ta’uusaa eeranii, bayyanachuu Itiyoophiyaa addunyaaf kan itti agarsiifnudha jdhaniiru.

Abbootiin amantaa garagaraa saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, Ortodoksii Itiyoophiyaaf kabaja qabnu agarsiisuuf, waloomaa fi obbolummaa cimsuuf akkasumas qulqullina, miidhaginaa fi eegumsa naannoo aadaa ta’uusaa hubachiisuuf agarsiisuuf argamuusaanii eeraniiru.

Ayyaanichi qabeyyee amantaan gamatti duudhaa aadaa isaatiin eegamee qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru.

Wantoota tokko nu taasisanirratti gamtaan hojjechuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa waloomaan agarsiisuu barbaachisa jedhan abbootiin amantaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015