Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi marichaa rakkoolee mudataniif furmaata waaraa waan ta’eef, carraa argame kana haala sirrii ta’een itti fayyadamuun murteessaa dha.

Amajji 9/2018(ENA)- Adeemsi marichaa rakkoolee mudataniif furmaata waaraa kaa’uun, dhuudhaalee nageenyaaf hundee waan ta’eef carraa argame kana haala sirrii ta’een itti fayyadamuun murteessaa ta’uu maanguddoonni biyyaa magaalaa Miizan Amaan himani.   


 

Maanguddoota biyyaa keessaa maanguddoo Musee Ayinataa ENAf yaada kennaniin, rakkoolee walxaxaa furuun biyya dhaloota egereef mijattu ijaaruuf rakkoo keenya mariidhaan hiikuun murteessaa dha jedhani. Rakkoo keenya ofuma keenyaan furachuu qabna jedhani.


 

Rakkoolee fi adda addummaa yaadaa kamiyyuu, araaraa fi dhiifamaan furuu kan caalu hin jiru kan jedhan maanguddoo biroo Mitikkuu Shooshaadha.

Dhimma biyyaa irratti furmaata finna jedhanii mariiyachuun barbaachisaa ta’uu fi bu’aa kan argamsiisu ta’uus ibsaniiru.


 

Maanguddoon biyyaa Tasfaayee Zakkaariyaas gama isaaniin tokkummaan sabaa, nageenyi waaraa fi misoomni kan argamu garaagaummaa yaadaa mari’achuun hiikaa yoo deeman qofaan akka ta’e eeraniiru.

Dhuudhaalee keenya kan itti dhimma hin baanee hedduun waan jiraniif, naqeenya biyyaa fi misoomaaf itti haa fayyadamnu jedhani.

Milkaa’ina Marii Biyyaalessaa kanaaf nuti maanguddoonni biyyaa fi abbootiin amantaa itti gaafatamummaa guddaa akka qabnu hubannee kana galmaan ga’uuf ciminaan hojjechuun nurraa eegama jedhan jaarsoliin biyyaa kunneen.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015