Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Barumsaa Waajjira Giiftii Dureetiin ijaarame Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Surmaatti eebbisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Barumsaa Waajjira Giiftii Dureetiin ijaarame Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Surmaatti eebbisan
Amajjii 9/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Barumsaa Waajjira Giiftii Dureetiin ijaarame Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Surmaatti har’a eebbisaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna walharkaa fuudhinsa mana barumsaa Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Surmaatti ijaarame irratti argamuu isaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin beeksisaniiru.
Kunis guddina damee barnootaa naannichaa keessatti tarkaanfii olaanaa waan ta’eef gammachuun isaanitti dhagahamuu ibsaniiru.
Manni barumsichaa adda durummaan barattoota naannoo sanaa dhufaniif mana barumsaa bultii ta’ee akka tajaajilu akeekaniiru.
Mooraan kun mana ciisichaa, daree barnootaa, laabiratorii kompiitaraa, kompiitara gahaa anniisaa aduutiin hojjetu, boolla bishaan qulqulluu, mana meeshaalee guutuu bakka midhaan itti qophaa’u, mana kitaabaa fi gamoo bulchiinsaa kan of keessaa qabu ta’ee kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.
Iddoon barnootaa guutuu ta’e kun gahumsaa fi nageenya barattootaa mirkaneessuuf itti yaadamee kan qophaa’e, dhaabbata guddina gama hundaan barattoota keenyaaf carraa haaraa uume ta’uu Ministirri Muummee ergaa isaaniin ibsaniiru.