Magaalichatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii nurraa hambiseera- Jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii nurraa hambiseera- Jiraattota
Amajjii 9/2018(ENA) – Magaalaa Jimmaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii akka isaan irraa hambise fayyadamtoonni dubbatan.
Giddugalichatti tajaajilamaa kan turani keessaa obbo Mahaammad Jamaal yaada kennaniin, giddugalichatti tajaajila ariifataa fi si’oomina qabu argachuu isaanii himan.
Boolloo konkolaataa haaressuuf kan dhufan ta’uu kan himan tajaajilaman kun, ifaajii tokko malee dhimma isaanii xumurachuusaanii dubbataniiru.
Tajaajila kanaan dura kennamu keessatti deddeebi’uunii fi dadhabbii hin malleef saaxilamaa kan turan ta’uu eeruun, tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) irra caalaa ammayyoomee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Kaadaastara lafaa fudhachuuf dhufanii yeroo gabaabduu keessatti dhimma isaanii xumuatanii kan bahan aadde Itaalam Daggafaa, tajaajilli argatan ariifataa fi si’aawaa ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli kennamu ariifataa ta’uun olitti immoo namuusa gaariin kan guutamee fi dabareedhaan keessummeeffamuu isaanii himaniiru.
Ariitii kanaan tajaajila akkasii argachuun kan hin yaadamne ta’uu eeruun, hojiin jalqabame kun itti fufuu qaba jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar tajaajilli iddoo tokkoo kun haala ammayyaa’een gurmaa'ee fayyadamtoota irratti rakkina mudatu kan dhabamsiisu waan ta’eef bu'aan olaanaa irraa argameera jedhan.
Hojii hanga ammaatti hojjetameenis waggoota hedduuf rakkoo bulchiinsaa hawaasaa ta’ee kan ture kan deebisee fi itti quufinsa hawaasaa kan guddise dha jedhan.
Giddugalli tajaajilaa kun teeknooloojiin kan guutamee fi hojjettoota leenji’aniin kan qindeeffamee tajaajila kan kennu ta’uu ibsuun, tajaajila kana kan kanaan duraarra daran ammayyeessuun kan hojjetan ta’uu himaniiru.