Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata
Amajjii 9/2018(ENA)- Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahateera jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad konfiraansii mata duree ‘’riifoormii Faayinaansii Itiyoophiyaatti’’ jedhuun qophaa’ee fi dhaabbileen jahan faayinaansii fi sirna galii dursaa jiran gamaaggama raawwii hojii fi tarsiimoo faayinaansii waggoottan shanan itti aanaan irratti daawwannaa duraa gaggeessan irratti ergaa dabarsaniin, riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Hojiin qabatamaan hojjetamu kamiyyuu dandeettii nama uumuu akka qabu eeruun, guyyaan hundi barnoota, qormaanni hundinuu immoo galtee barnootaati jedhani.
Taateewwan addunyaa irratti mul’atan akka carraatti itti fayyadamuun, barachuu fi guddachuun akka danda’amus dubbataniiru.
Bu’aan riifoormii fi dandeettiin gaggeessummaa yeroo eegalamu gaggeessitoonni turan adeemsa keessa beekumsa isaanii sadarkaa olaanaan guddifachuu ibsuun, akka haaraatti gara gaggeessummaatti kan dhufan immoo Itiyoophiyaan abdii fi gaggeessitoota akka qabdu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Haata’u malee kana jechuun, hundamaa beeknee hin xumurre kan jedhan Ministirri Muummee, ammallee hojii manaa hedduu waan nu hafu qabna jedhaniiru.
Haala yeroo murtee sharafa maallaqaa waliin walqabatee ture akka fakkeenyaatti eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, yeroo sanatti murtee dabarsuuf waggoota lamaa fi sadiif falmii bal’aa fi mariin hedduu adeemsifamuu yaadachiisaniiru.
Biyyoota milkaa’an irraa muuxannoo fudhachuu eeruun, biyyoota hin milkoofneef immoo gadi fageenyaan qorachuun barnoota irraa argachuu dubbataniiru.
Adeemsi qorannoo fi falmii kun hoggansa keessatti ofitti amanamummaa, muuxannoo fi beekumsa sadarkaa olaanaa akka uume eeruun, bu’aan yeroo ammaa mul’achaa jiru adeemsa kanaaf ragaa ta’uu ibsaniiru.
Itti fayyadama qabeenya biyyaa iftoomina, itti gaafatamummaa fi haala madaalawaa ta’een hogganamuu akka qabu kan hubachiisan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, qabeenya biyyattii sirnaan hogganuuf itti fayyadamni teeknooloojii murteessaa dha jedhan.