Ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajji 9/2018(ENA)- Ijaarsa dhaabbilee keessatti qaawwa jiru guutuudhaan, yeroon barbaaduun sirnaan hojjechuunii fi qopheessuun biyya dhaabbata ykn biyya mul’ata qabdu kamirraayyuu kan eegamu waan ta’eef nutis haaluma kanaanidha ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeeffannee kan hojjennu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad Konfiraansii tarsiimoo Faayinaansii waggoottan shanan itti aananii fi gamaaggama raawwii qophaa’eeratti argamuun ergaa dabarsuun isaanii ni yaadatama.
Ergaa isaaniin, dhaabbilee dhalootaaf baay’ee barbaachisoo ta’anii fudhataman uumuun ammayyeessuun, haala dinagdee Itiyoophiyaa, fedhii Itiyoophiyaa, baay’ina Itiyoophiyaafi ummata miliyoona 130 madaaluu danda’u uumuuf hawwii qabannee ijaarsa dhaabbilee irratti hojjechaa kan jirru jedhaniiru.