Gamtaan Awurooppaa dameelee garagaraatiin tumsa Itiyoophiyaa waliin taasisu cimsee itti ni fufa - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Awurooppaa dameelee garagaraatiin tumsa Itiyoophiyaa waliin taasisu cimsee itti ni fufa
Amajjii 8/2018(ENA)- Gamtaan Awurooppaa dameelee garagaraatiin tumsa Itiyoophiyaa waliin taasisu cimsee akka itti fufu tajaajila dhimma alaa gamtaa Awurooppaatti itti aanaan barreessaa olaanaa dhimmoota siyaasaa Oloof Sikuug ibsan.
Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee tajaajila dhimma alaa gamtaa Awurooppaatti itti aanaan barreessaa olaanaa dhimmoota siyaasaa Oloof Sikuug waliin kaleessa mari’ataniiru.
Itti aanaan barreessaa olaanaa kun turtii ENA waliin taasisaniin, hariiroo gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru pirezidaant Taayyee waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii ibsaniiru.
Gamtaan Awurooppaa fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa gochaa turuusaa ibsanii, fuulduras dameelee daldalaa fi Invastimantiirratti tumsaan akka hojjetu eeraniiru.
Tattaaffii Itiyoophiyaan gama cehumsa teeknooloojiin, galmoota misoomaa egereen gochaa jirtu deeggaruun qoodasaa ni baha jedhaniiru.
Gamtichi tumsa dinagdee fi misoomaa gamlamee biyyoota waliin qabu cimsuurra darbee inisheetiivii Giloobaal Geet Weeyi kan walitti hidhamiinsa riijinii cimsu hojiirra oolchaa akka jiru ibsaniiru.