Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad du'aan boqochuu Artisti Natsaannat Warqinaan gadda isaanitti dhagahame ibsani.

Amajji 8/2018 (ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad du’aan boqochuu Artisti Natsaannat Warqinaan gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa gaddaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin akka tasaa du’aan boqochuu artistii Natsaannat Warqinaatti gaddi natti dhagahameera jedhani.

Keessumattuu sagantaa simannaa bara haaraa bara 2016 Hidha Haaromsaatti qophaa’e irratti gumaacha Natsaannat Warqinaa taasise yeroo kamiyyuu nan yaadadha jechuun ibsani.

Hundi keenya gammachuun bara haaraa akka simannu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, maatii fi deeggartoota isaaf jajjabinan hawwa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015