Qormaata Biyyoolessaa fi Naannoo qabxii fooyya’aa galmeessuuf qophii cimaa taasisaa jirra – Barattoota - ENA Afaan Oromoo
Qormaata Biyyoolessaa fi Naannoo qabxii fooyya’aa galmeessuuf qophii cimaa taasisaa jirra – Barattoota
Amajjii 8/2018 (ENA)- Qormaata Biyyoolessaa fi Naannoon qabxii fooyya’aa galmeessuuf qophii cimaa taassisaa jiraachuu Barattoonni Godina Baalee bara kana qormaata fudhatan ibsan.
Godinicha Aanaa Harannaa Bulluqitti barattuun kutaa 12ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Hangaatuu Hawwii Usmaan, Mana Barumsaasaaniitti, bu’aa gaarii akka fidaniif keessa deebi Barnootaa fi qormaataa Moodeelaa akka shaakalan ta’a jira jechuun ibsiteetti.
Deeggarsa manni barumsaa fi Maatiinshee taasisaniifiin qabxii gaarii galmeessuuf tattaafachaa jiraachuu ibsiteetti.
Barataan kutaa 8ffaa Milkeessaa Abdiisaa gamasaan Mana Kitaabaa Mana Barumsicha keessa jiru akka wabiitti fayyadamuun qormaataaf qophii taasisaa jiraachuu dubbateera.
Qormaatichaan qabxii fooya’aa galmeessuuf guyyaa Sanbataa fi Dilbataa dabalatee Barnootni dabalataa kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Barnootaa Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Kamaal Abdulqaadir gamasaaniin, Aanichatti sababawwan kufaatii barattootaa ta’an sadarkaa sadarkaan adda baasuun qabxii gaarii akka galmeessaniif hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoomuun Barattoota gahoomsuun miira qabxii gaari galmeessuu akka gabbifatan taasifamaa jira jedhaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Barnootaa Godina Baalee Obbo Tashaalaa Disaasaa gamasaaniin akka ibsanitti, Godinichatti bara Barnootaa kanatti barattoonni qormaata biyyooolessaa fi naannoo fudhatani qabxii gaarii akka galmeessaniif haala mijessuun deeggarsi taassifamaafii jira jedhniiru.
Barattoonni qabxii fooya’aa akka galmeessaniif wayitii Barnootaa sirnaana hordofuu, mala baruu fi Barsiisuu fooyyessuu, sadarkaa Mana kitaabaa fi mana yaalaa fooyyessuurrati bal’inaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Godinichatti bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 350 barachaa jiraachuu ibsaniiru.