Paartiin Badhaadhinaa damee hundaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa- Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa damee hundaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa- Adam Faaraah
Amajji 8/2018(ENA)- Paartiin Badhaadhinaa Damee hundaan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegale akka cimsu itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Hogganaan Waajjira Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Adam Faaraah ibsani.
Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa baatii 6 magaalaa Hosaa’inaatti gaggeefame carraa hojii uumuu fi tasgabbii gabaarratti hojii hojjetame gamaggamuun xumurameera.
Waltajjicharratti akka obbo Adam Faaraah ibsanitti,kallattiiwwan dinagdee damdaneessaa hojiirra oolchuun bu’aan qabatamaan argameera.
Carraa hojii uumuu ogummaarratti hundaa’e hojiirra oolchuun fayyadamummaa carraa hojii uumuu lammiilee bal’isuuf hojii hojjetameen baatiiwwan 6n darban hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru.
Carraawwan argaman guddisuuf filannoowwan teekinooloojiiwwan Qonnaa,Manufaakcheringii sirnaan fayyadamuu akka qaban dubbataniiru.
Hojiidhabdoota adda basuu, kanneen hojii keessa jiran cimsuu fi hojiin madaallii gahumsa dhaabbiilee qorannoon akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo addaan gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojii gabaa tsagabbeesuuf hojjetameen foyya’insi jiraachuu ibsuun kana cimsuuf dhiheessii omishaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.
Kanaafis gidduugalawwan gabaa babal’isuu, qulqullina omishaa eegsisuu, waldaalee hojii gamtaa deeggaruu fi Kaayyoo paartichaa kan ta’e ijaarsa giddugala daldalaa ammayyaa, sadarkaa ammayyaan magaalaa tokko keessatti cimsuu akka ta'es hubachiisaniiru.
Walumaagalatti Paartiin Badhaadhinaa dameelee adda addaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa jechuun ibsaniiru.
Kanaafis milkaa’inoota damichaan baatiiwwan jahan darbanitti argaman cimsuu fi rakkoowwan mudataniif kallattii furmaataa kaa’uun bu’aa eegamu galmeessuuf kutannoon hoggansaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti hoggantoonni damee Paartii Badhaadhinaa fi gareen dargaggootaa hirmaataniiru.