Magaalaa Adaamaatti walakkaa waggaatti lammiilee kuma 64 ol ta’aniif carraan hojii Uumameera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Adaamaatti walakkaa waggaatti lammiilee kuma 64 ol ta’aniif carraan hojii Uumameera
Amajjii 8/2018 (ENA)- Magaalaa Adaamaatti walakkaa waggaatti lammiilee kuma 64 ol ta’aniif carraan hojii uumamuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalichaa ibse.
Lammiilee waldaan gurmaa’anii gara hoiitti galaniif birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol liqaa kennuun Intarpiraayizoota kuma 2 ol ta’an fayyadamoo taassisuu danda’uu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayib ENAtti akka himanitti, magaalichatti rakkoo hojii dhabdummaa furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.
Kanaanis walakkaa waggaatti lammiileen kuma 64 ta’an carraa hojii argachuusaanii ibsuun, gara hojiitti kan galan keessaa kuma 31 kan ta’an carraa hojii dhaabbataan qacaramuu kan isaaniif uumame ta’uu dubbataniiru.
Kanneen hafan biroon waldaan gurmaa’uun hojiiwwan tajaajilaa, hojii sibiilaa, hojii mukaa, daldalaa, ijaarsaa,furdisa loonii, damee qonnaa fi kanneen biroorratti bobba’uusaanii ibsaniiru.
Lammiilee Carraan hojii isaaniif uumame sheediiwwan horsiisa lukkuu fi sa’a aannaniif oolan kennamuufii ibsuun,damee Manuufaakcheringiirratti kan bobba’aniif maashiniin liiziin dhihaachuu himaniiru.
Dargaggoota Magaalichatti Carraan hojii isaaniif uumameefii keessaa Dargaggoo Boggaalaa Laggasaa akka ibsetti,haala mijataa Bulchiinsichi isaaniif uumeefiin fayyadamuun sadarkaa maatiitti waldaan gurmaa’uun hojiitti galaniiru.
Lafasaaniirratti maatiisaa hirmaachisuun waldaan gurmaa’uun waarshaa daakuu dhaabuun gara hojiitti galleerra kan jedhe dargaggoo Boggaalaan liqaa dabalatee birrii miiliyoona 35n waarshaa daakuu dhaabuun gara hojiitti galuuusaanii dubbateera.
Waarshichaattis lammiilee 25f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalicha liqaa birrii kennuu qofa osoo hin taanee, bu’uuraalee misoomaa ibsaa,bishaanii fi daandii isaaniif guutuu dubbateera.