Tamsaasa Kallatti:

Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu

Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.


 

Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.


 

Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan.

Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan.

Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.


 

Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.


 

Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015