Itiyoophiyaan biyya miidhagduu bakkeewwan hawataa ajaa'ibsiisaa ta'een eebbifamtedha - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan biyya miidhagduu bakkeewwan hawataa ajaa'ibsiisaa ta'een eebbifamtedha
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaan biyya miidhagduu, aadaa daneessaa, bakkeewwan hawata turizimii kan durii fi haaraan kan badhaatedha jedhan dawwattoonni biyyya alaa.
Itiyoophiyaan hawata turizimii mimmiidhagoo kan seenaa, aadaa fi uumamaa qabdi jedhan Turistoonni ENAn dubbise.
Turistoonni kunniin, bakkeewwan hawata turizimii ta’an kan seenaa, aadaa, hambaa fi uumamaa akkasumas bakkeewwan mimmiidhagoo haaraa daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan haala qilleensaa fayyaaf mijataa ta’e kan adda addaa kan qabdu biyya miidhagduu ta’uu ishee ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee magaalota kanaan dura addunyaa irraa daawwataan ture caalaa miidhagduu taatee natti mul’attee kan jedhan daawwataa Beeljiyeem irraa dhufan Teer Giilar kan jedhamani dha.
Qulqullinni magaalichaa,haalli qilleensaa,magariisummaanii fi bakkeewwan daawwattootatti seenaa himan hedduu qabaachuun ishee akka isaan hawate himaniiru.
Muuziyeemii Biyyaalessaa fi Paarkii Inxooxxoo dabalatee bakkeewwan hawwata turizimii fi paarkiiwwan adda addaa daawwatanii, baay’ee akka itti gammadan himaniiru.
Biyya Jarmanii irraa kan dhufan daawwataan gara biraa Luukaas Kuuppanhaagen gama isaaniin, Itiyoophiyaatti bakkeewwan turizimii daawwatan dabalataan, duudhaalee aadaa hedduu biyyattiin qabdu ajaa’ibsiifataniiru.
Itiyoophiyaan seenaan, uumamaa fi bakkeewwan hawata turizimii namtolcheen kan kuulamte ta’uu hubadheera jedhan.
Bakkeewwan duraan turan irra deebiin misoomsuu fi bakkeewwan hawata turizimii haaraa ta’an ijaaramuun akka daawwattoonni hedduummataniif haala mijataa uumeera jedhan itti aanaan pirezidaantii Dhaabbilee Waldaa Daawwachiiftota Taallaaquu Itiyoophiyaa Inquu Mulugeetaa.
Itiyoophiyaan aadaa hedduummina qabu qabaachuun ishee, seenaan ishee, bakkeewwan hawwata turizimii ta’an hedduun jiraachuun qooda fudhattoota damee kanarratti bobba’aniif carraa guddaa akka uumes eeraniiru.
Deetaan Ministira Tuurizimii Silashii Girmaa gamasaaniin, pirojektoonni maaddii biyyaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisuu bira darbee, bifa biyyattii kan jijjiiranii fi dhaabbilee dhuunfaaf karra kan banan bakkeewwan ajaa’ibsiisoodha jedhan.
Bakkeewwan hawata turizimii kunneen, baay’ina daawwattootaa dabaluu fi turtii yeroo isaanii dheeressuun galiin olaanaa, hawaasummaa fi faayidaan dippiloomaasummaa argamsiise guddaadha jedhan.