Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha
Amajjii 7/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa nageenya waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota dimookiraasii Azmaraawu Andeemoo ibsan.
Mariin Paanaaliii mataduree ““Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun walta’insa ENA fi Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Amaaraan qophaa’e Magalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Barreeffama marii mata duree ‘’Marii Biyyoolessaa fi Ijaarsa nageenyaa’ jedhu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Dimookiraasii Azmaraawu Andamoo dhiheessaniiru.
Barreeffamasaaniin Itiyoophiyaatti garaagarummaa karaa nagaan hiikuu fi nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf shoorri Marii Biyyoolessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa fudhatama qabu ijaaruuf , dhimmoota wal nudhabsiisanirratti mari’achuun walii galuu fi sirna dimokiraasii cimsuuf murteesaadha jedhani.
Kanaafis Komishiniin Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan hundeeffame gad fageenyaa nii fi amala rakkoolee hubachuun,tooftaa fi haala biyyoota biroorraa fooyya’een hojjechaa jirachuu dubbataniiru.
Dhaabbilee cimoo ijaaruun hariiroo hawaasummaa cimsuunii fi walii galtee hawaasaa haaraa uumuun garaagarummaa gara tumsaatti jijiiruun nageenya itti fufinsa qabu qooda bakka hin buune akka qabu dubbataniiru.
Mariin Biyyoolessaa furmaata ariifachiisaa osoo hin taanee, yero dheeraa kan fudhatu invastimantii akka ta’e eeruun, marichi meeshaa ijaarsa nageenyaa qofa osoo hin taanee, utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu hubachiisani.
Itiyoophiyaanonni hundi carraa seenaa qabeessa kana fayyadamuun carraasaanii fuulduraa akka murteessanii fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.